Wanta nu dura jiru duwwaatti haa hiixannu.

Wanta nu dura jiru duwwaatti haa hiixannu.

Ergamaan Paulos yeroo waa’ee akeeka Waaqayyo fuula keenya dura kaa’e bira ka’uuf ka gochuun nu irra jiru dubbatu ergaa isaa gara warra Filiphisiiyus kessatti akka jedha: “Obboloota ko ani akka nama harka isaa keessa isa galfatetti of hin lakkaa’u. Hata’u iyyuu male. Waan tokko nan godha; wanta na booddetti hafe yaaduu dhiisee; wanta na dura jirutti nan hiixadha.” Fipl. 3:13

Pawuloos adeemsa amantii figicaa dorgommeen wal fakkeessa.

Continue reading
Read More
Maddi Gammachuu Keenyaa Waaqayyotti Gammaduu Keessaati

Maddi Gammachuu Keenyaa Waaqayyotti Gammaduu Keessaati

“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4
Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan kan guuteedha. Namin wanta amma fuula isaa jiru irra kan hafe kan boorrii fi borduubaa kallattin qaarsisee guutuutti arguu hin danda’u.

Continue reading
Read More
Ibsaa Kee Ol Kaasii Ibsadhuu

Ibsaa Kee Ol Kaasii Ibsadhuu

“Namoonni hojii kee isa gaarii arganii abbaa keessan isa Waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanatti namoota duratti haa’ifu!”
Mat. 5:16

Nuti ijoollee tasaa miti

Waaqayyo akeekaan jireenya biyya lafaa kana keessa nu kaa’e. Jireenyi ilma namaa tasa hiiika tokko malee ardii kana irra hin kayyamne. Macaafa Qulqulluu irraa akkas jedha; “Ani Waaqayyo kanan si uume, gadameessa haadha kee keessatti kanan si tolche, kanan si gargaarus…” (Isa.

Continue reading
Read More
Jireenya Dhimma Baasuu

Jireenya Dhimma Baasuu

Jireenya Jiraachuu fi jireenya dhimma baasu jirachuun waa lama. Duuchadhumatti jirenya jiraachuun, maataan isaa iyyuu jireenya akka ta’e waanta mamsiisu hin qabu. Hata’u iyyuu malee daaqaan jireenya nuti jiraannu hiikaa fi gatii jireenya murteessa. Gatii fi hiikaa kana egaa dhimma baasaa jireenyichaa jenna. Jireenyi keenya jireenya irra darbee dhimma baasuu qaba. Dhimma hawaasa keenyaaf, dhimmaa maatii keenyaaf, akkasumas dhimmaa namoota naannoo keenya jiran maraaf.

Continue reading
Read More
Jireenya Maatii Kiristiyaanaa

Jireenya Maatii Kiristiyaanaa

Maatii Kiristiyaanaa jechuun maal jechuudha? Maatii warra kan biraatti maaltu adda baasa? Maatin Kirsityaanaa maati Waaqayyooti, fayyinaa fi araara Waaqayyo jala ka jiraattan fi deddebi’anii dha. (Ef. 2: 19) Warra, biyyaa lafaa, qulqullinaa fi araara Waaqayyoo jala hin jiranne hundumaa irra adda. Tarii maatiin kiristiyaanaa eenyu jenna ta’a.

Continue reading
Read More
Jireenya Abadii

Jireenya Abadii

Abdiin fufiisaa fi hara’au yookaan foya’uu jireenyaa ka ilama nama mara biyya lafaa kana irratti ka hiikaa fi bifa itti godhuudha. Namni abdii hin qabnne jireenya bushaa’aa ka bifa hin qabnne, jireenya dadhabaa of booda ilaaluu fi komeen guute jiraata.

Continue reading
Read More
Afeerraa Gati-jabeessa

Afeerraa Gati-jabeessa

(Mat 22:1-10)
“15 Warra isaa wajjin maaddiitti taa’an keessaa tokko, kana yommuu dhaga’e Yesusiin, “Maaddii mootum¬maa Waaqayyootti kan dhi’aatu ay-yaantuu dha” jedhe*. 16Yesus garuu, “Namni tokko cidha guddaa isaa go-dhatee, namoota baay’ees waame. 17Yeroon nyaataa yommuu ga’e, ‘Am-ma kottaa hundinuu qophaa’eera’ je¬dhee warra waamaman haa yaadachii-suuf hojjetaa isaa itti erge. 18 Warri waamaman garuu hundumti isaanii, ‘Akka itti dhufnu hin qabnu’ jedhanii hojjetichatti dhimma garaa garaa hima-chuu jalqaban.

Continue reading
Read More