Jireenya Maatii Kiristiyaanaa

Jireenya Maatii Kiristiyaanaa
Maatii Kiristiyaanaa jechuun maal jechuudha? Maatii warra kan biraatti maaltu adda baasa? Maatin Kirsityaanaa maati Waaqayyooti, fayyinaa fi araara Waaqayyo jala ka jiraattan fi deddebi’anii dha. (Ef. 2: 19) Warra, biyyaa lafaa, qulqullinaa fi araara Waaqayyoo jala hin jiranne hundumaa irra adda. Tarii maatiin kiristiyaanaa eenyu jenna ta’a. Maatiin kiristiyaanaa abbaa manaa fi haadha manaa kirsistiyaanota ta’an, ijoollee isaanii, akkasumas dhalootaa fi jireenyaan warra mana tokko keessa jiraatan warra amantti tokko qabanii dha. Waaqayyo dubbii isaatin maatiin tokko guutummaatti waan gochuun ta’uuf akka itti jiraachuun ta’u in dubbata. Jireenyi maati kiristiyaanotaa jireenya saba Waaqayyooti. Waaqayyo jalqaba uumamaatti nama uume akka uumama biraa bakketti gadi hin dhiifnne. Maatii, iddoo jireenyaa, hojii, nyaata fi aboo kenneef. (Um. 2:8-17, 1:26-28). Kun nama uumama hundumaa irraa adda godha. Walitti qabaatti yoo ilaalle Waaqayyo jireenya maati keenyaa irrati gooftaa dha. Jirrenyyi maati kiristiyaanaa attam ta’uutu ta’a ? 1. Jireenya Waaqayyo duratti fudhatama ta’e jiraachuu. (Qol. 3:18) Jireenyi maati kiristiyaanaa jireenya addaa ta’uun isaa dubbii waaqayyoon miijanamee ilaalama (1Pex. 3:1-3). Ergamichi Phaawulos jireenyi maati kiristiyaanaa keessatti akka itti walii wajjin jiraachuun ta’u gorsaa kenna.(Ef. 5:21-25, 6:1-4) Ijoolleen akka abboota isaaniif abboomaman, abbaan manaa fi haati manaa kabajaan akka waliif cillaanfatanii fi wal ulfeessan, jireenyaa Waaqayyo duratti fudhatamaa ta’e akka jiraatan gorssa. Walumaa galatti, maatiin Kiristiyaanaa jireenya Waaqayyoo duratti fudhatamaa ta’e jiraachuu jechuun akka dubbii Waqayyootti walliin wajjin isa Waaqessuun jiraachuu jechuudha. (Iyyasu 24:15) 2. Jireenyi maatii Kiristiyaanaa Waaqayyo duratti fudhatamaa ta’ee yaada tokkon isa Waaqessutti jiraachuudha. (Ef. 5:21, 25; Iy 24:15) Walitti jireenyi maatii Kiristiyaana yammu kufu, amantittis kufu danda’au, akkasumas jaalalatti kuffu danda’u. Jireenya maati keessatti hedduu barbaachisaa kan ta’e waliif ciliif cillaanfachuu, waliif abbomamuu, garaa laafina waliif qabaachuu, waliif dhiisuu, jaalal waliif qabaachuu dha. (Ef. 5:21, 1Pex. 5:5, Fak 3:34). Amantii kiristiyaanaa hiikaa isaa keessatti akkas jennee dhugaa baana: ‘nan amana Waaqayyo akka na uume uumamam hundumaa wajjin, haadha manaas, abbaa manaas, ijoolles kan dabale.’ Kun kennaa Waaqayyooti. Eeguu nu barbaachsia! Akkanumas Waldaa Kirsitiyaanaa keessatti sanbata sanbata “ qe’ee keenyaa fi bultee keenya akka nu eebbiftu, abbaa manaaf haadha manaa warra sodaa Waaqayyo qaban, abbootaa fi haadhota kan sodaa Waaqayyo qaban, akkanuma ijoollee abboomamoo nnuf kenni” jennee kadhanna. Hata’u malee jireenya walii keenyaaf wal fayyisuudhaf hammam dhamaana. 1Qor 7: 16, 1Pex. 3:1-2 Manii keenya iddo Kirsitoos jiraatu yoo ta’e isa biraa qooda gaarii arganna. (Luq. 10:38-42, Mat 19:1-9) 3. Akka maatii kiristiyaanaatti jireenya keenya Waaqayyo duratti fudhatama dhaa ? Jireenya maatii keenyaa Namootaaf fakkeenya gaarii keenaa ? ( Matt. 5:13-16) Akka maati kiristiyaanatti ifaa fi mi’aa kirstoositti arganne maatii keenyaaf, naannoo keenyaaf dhugaba’umssa fi fakkeenya garii ta’uun nu irraa eegama. (Ef. 5:8-9, 1Pex. 2:12). Ijoolee keenyaa gorsuutti, adabuuttis abbaanii fi haati manaa akka maati kiristiyaanatti yaada toko qabaachuun jireenyaa maatii ijaaruuf heddu barbaachisaa dha (Ef. 6:4, Qol. 3:21) Yoo akkas gochuudhaa baatan garu jireenay mana isaanii irratti qoramaa fi rakkina fidu. Jireenyaa maatii kiristiyaana irrati qorama fiduu kan dan’dan wanta hedduutu jira. Fakeenyaaf ijoolle keenya balleesaa irraati yeroo gorsuu dhiisnu adaba Waaqayyoo fida.(Fak. 29:15, 13:24, 23, 13-14, 1Sam. 3:12-13). Akkasumas ijoolee keenya wal caalchisuun, maatiin adeemsaa garmaleetti jiraachuun, fakkeenya gaaritti jirachuu dadhabuun, jaalala dhabuu fi araaramuu diduun ka hundee mana kiristiyaanotaa diiganii dha. Walttijireenyi maatii keenyaa sirriitti eeguuf kiristoosiin fakkeenya godhachuun nuuf ta’a. (Luq. 2:51-52, Filp. 2:5-8). Akka maatii Waaqayyotti fakkeenya garii taane dubbii Waaqayyoo baru, isa barre jiraachuun, hojiitti hiikun nu iraa barabaadama. (Ef. 5:1-5, Luq. 6:36) Jireenya maatii keenyaa giddu rakkinni ka jiru maatii meeqa taana laata ? Yoo jiraate rakkina kana hiikuf hammam yaalii goone? Rakkina wal hubachuu dadhabuu nuyi ofii keenyaa ka uumne, yookis ijoolle keenya calluma jennee ka ilaallu jiraa lata? Akka dubbi Waaqayyotti maatii keenya eeguu dadhabuun nuyi abbootaa fi hadhota biraa rakkinni isa eessa jira? Dubbii kanaan of qorree akka maati Waaqayyotti offii keenya akkasumas maati keenyas dubbii Waaqayootti eeguun in ta’a. (Luq. 6:36) Lb. Dr. Gemechu Olana, barrefame