Aari fi Dheekkamsaa maali, Sagaleen Waaqayyoo Maal Nu Gorsa?

“Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubata, namni ogeessi garu in obsa, of qabaas in dubbata” Fk. 29:11.

Ergaa gabaabaa yeroo fannifamuu fi du’aa ka’uu ilaalchisee, kessaa iyyuu madda aarii isa gooftaa Yesuusiin fannisiise.
Yeroo waa’ee firdii fi du’atti dabarfamee kennamuu Yesuus Kiristoos Wangeela kessatti dubbifanu, waanta gurguddaa lamatu seenaa sana keessa mul’ata. Aarii geggessitoota amantii, akkasumas saba isaan duuka jiranii fi soda warra aangoo qabanii ti.

Continue reading
Wanta nu dura jiru duwwaatti haa hiixannu.

Ergamaan Paulos yeroo waa’ee akeeka Waaqayyo fuula keenya dura kaa’e bira ka’uuf ka gochuun nu irra jiru dubbatu ergaa isaa gara warra Filiphisiiyus kessatti akka jedha: “Obboloota ko ani akka nama harka isaa keessa isa galfatetti of hin lakkaa’u. Hata’u iyyuu male. Waan tokko nan godha; wanta na booddetti hafe yaaduu dhiisee; wanta na dura jirutti nan hiixadha.” Fipl. 3:13

Pawuloos adeemsa amantii figicaa dorgommeen wal fakkeessa.

Continue reading
Ibsaa Kee Ol Kaasii Ibsadhuu

“Namoonni hojii kee isa gaarii arganii abbaa keessan isa Waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanatti namoota duratti haa’ifu!”
Mat. 5:16

Nuti ijoollee tasaa miti

Waaqayyo akeekaan jireenya biyya lafaa kana keessa nu kaa’e. Jireenyi ilma namaa tasa hiiika tokko malee ardii kana irra hin kayyamne. Macaafa Qulqulluu irraa akkas jedha; “Ani Waaqayyo kanan si uume, gadameessa haadha kee keessatti kanan si tolche, kanan si gargaarus…” (Isa.

Continue reading
Waaqayyoo Amma Jireenya Guutuu Akka Jiraannu Fedha

Akeeki Waaqayyo nuu hundumaaf qabu waa tokko, innis jireenya. Amma yeroo fuula isaa dura deddebinu kanatti jireenya guutuu, jechuun toles, yoo ka bades ta’e, yeroo amma qabnu kanatti ija keenya abdii Waaqayyo nu fuldura kaa’e irra keyyanne, battala ammatti garu guututti akka jiraanuudha.

Continue reading
Jireenya Dhimma Baasuu

Jireenya Jiraachuu fi jireenya dhimma baasu jirachuun waa lama. Duuchadhumatti jirenya jiraachuun, maataan isaa iyyuu jireenya akka ta’e waanta mamsiisu hin qabu. Hata’u iyyuu malee daaqaan jireenya nuti jiraannu hiikaa fi gatii jireenya murteessa. Gatii fi hiikaa kana egaa dhimma baasaa jireenyichaa jenna. Jireenyi keenya jireenya irra darbee dhimma baasuu qaba. Dhimma hawaasa keenyaaf, dhimmaa maatii keenyaaf, akkasumas dhimmaa namoota naannoo keenya jiran maraaf.

Continue reading
Guddina Hafuuraa

Sagaleen Wangeelaa
yeroo garaa garatti fayyuu duwwaa otuu hin taane hafuuraa fi deddeebiin
guddachuuti akka waamane  dhugaa nuuf
ba’a. Phwuloos waldaa warra efessoniif yeroo barressu boqonnaa hafur keessatti
dubbiidhuma kana cimsee akkas jechuun dubbata.

Continue reading