Guddina Hafuuraa

Guddina Hafuuraa

Sagaleen Wangeelaa yeroo garaa garatti fayyuu duwwaa otuu hin taane hafuuraa fi deddeebiin guddachuuti akka waamane  dhugaa nuuf ba’a. Phwuloos waldaa warra efessoniif yeroo barressu boqonnaa hafur keessatti dubbiidhuma kana cimsee akkas jechuun dubbata. “… Jaalalan dhubbi dhugaa dubbachaa, kottaa karaa hundumaan gar isa mataa nuuf ta’ee, gara Kiristoositti in guddanna !”  (Efesson 4:15)  Guddachuun kunis kan inni akeekkatte ‘ilma Waaqayyoo beekuu’ fi  amantiin namoota ga’oo safara ilmaa Waaqayyoo bira ga’an ta’uu dha. (Efesson 4:13). Akka kiristiyaanotaatti yeroo waa’ee guddina hafuraa dubbannu guddinni kun guddina isa ilama Waaqayyoo beekuutti guddachuu fi deddeebii fi amala jirenya keenyaan isa fakkaachuuti adeemuuti. (Romee 8:29). Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaa keenyaa fi gooftaa keenyaatti fudhachuun jalqaba adeemsa amantii kiristiyaanaatti. Isa kana dura waa’ee hafuuraan guddachuu yookaan jajjabachuu haasa’uun hin anda’amu. Bu’uura jalqaba kana booda garu achuma dhaabannee hafna otuu hin taane, amantii keenyaan, beekumsa keenyaan, ademsaa fi deddeebii keenyaan guddachaa adeemna. Akkuma mucaan tokko dhalattee guddchauun irra jiru, nuti gaafa hafuuraan lammatadhalannee kaafnee hundee fi mataa Waldaa Kirsitiyaanaa isa ta’e Yesuus Kiristoos keessatti deddeebii keenyaan guddachuun nu irra eegama.

Dhimmi Hafuuratti Guddachuun walii keenyaafi

Tarii guddachuun kun maaliif barbaachise jennee gaafachuu dandeeya.

Kanguddachuu qabnuuf yookan nu irra jiruu, tokkoffa wallaalummaan akka hundee amantii keenyaa irraa hin banneef, lammaffaa obbolota keenya akka hundee amantii isa dhugaa irraa isaan hin  kaachifneef, sadaffaa obboloota keenyaa warra hafuuratti hin guddatin jiran akka gargaarruu fi gara guddinaatti isaan geessinuuf. Egaa as keessatti yoo ilaalle guddini hafuraa nuuf dhuunfaa keenyatti, darbees obbolota keenyaf warra maati Kiristoos ta’an yookan ta’uuf jiran jecha barbaachisaa dha.  Kana irraa kanhubannu dhuunfaatti hafuuratti guddachuu barbaaduu dhiisuun keenya yookan dadhabuun keenya nu qofa midha otuu hin taane, warra maddi keenya jiran obboloota, maatii waldaa Kiristiyaanaa maraaf hirrina guddaadha. Hundeen Guddinaa Hafuuraa Sagalee Waaqayyooti

Ija jabina amantii fi hidhaa jalalaa jabbaan kan amantoota gidduutti argamu, badhaadhummaan amansiisa guutuu qabu, isa hubannaa keessa dhufu, “dhoksaa Waaqayyo isa Kiristoos keessa jirus beekuun” (Qol. 2:2-4) Kirsitoositti guddachuu keessaa argama.  Wallaalina amantiin asii fi achi rukutamuun, barssisa sobaa fi gowwomsaa haxxumaan gute irraa kanoolu dandeenyu yeroo hafuratti Kiristoositti guddannu duwaadha (Ef. 4:14).  Yeroo tokko tokko garuu dhibaa’ummaa keenyaa irra kanka’e yookan wallaalummaa keenyaan sadarkaan guddina amantii keenyaa xobbee ta’ee hafa, kanaaf yeroo hundaa deddeebiin keenyaa fi hubannaan amantii keenyaa bilchina dhabu. Amantiiti bilchaachuun deddeebii’a amantii keenyaa keesatti barbaachisaadha. Hudumtuu gara “ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenyaa Yesus Kiristoos beekutti” gudhachautti waamamne (2Pex. 3:18).   Kun kan ta’uu danada’u garuu sagalee Waaqayyoo dubbisuu, tokkommaa amantootaa keessatti ijaaramanii jajjabaachuu, fi dhugaa sagalee Waaqayyoo baruuf qophaa’aa ta’uu keessa argama.

Guddinni Hafuuraa Adeemsa Jireenyaati

Namini otuu hafuratti hin guddattin, hamaa fi gaarii gargar baasee amala fi deddeebii Kiristtiyaanummaa dhugaa deddebi’uu hin danda’u. Ubannaan kun kan dhufu danda’u yeroo nuti jirenyaa keenya keessatti sagale Waaqayyoo iddoo gaa’a laannu qofa. Obsaa fi jabatanii hundee amantii ofii irra dabbachunis guddina hafuraa kessaa ba’a.(Yaq. 1:2-4)  Guddinni hafuraa kun garuu jireenya ammaa kana keessatti kan xumura hin qabnne asii achi kan gara fuula duraatti hanga dhufaatti Kiristoosiin hundumtuu gutu ta’ee as ba’utti adeemuudha. Kana jechuun bilchinni amantii yoo wal caale iyyuu Kiristoos keesstti guddachuun adeemsa jireenyaati. Adeemsi jirenyaa amantii kun garuu ijoollummaa, saafilummaa fi ga’essummaa of keessa qaba. Bilchinni keenya kunis ijoollummaa gara ga’essummaa warra itti gaafatamummaa fudhatanitti. Kana jechuun amanaan hundumtuu ijoollummaa gara guddinaa sadarkaa itti gaafatamummaatti waamame. Hundumtuu Kiristoos keessatti guddachaa kennaa hafuraa badhaafameen wal tajajiluu fi dhugaa Wangeelaa gutuutti jiraachuutti waamame. Hanga Kiristoos keessatti guddanne immoo wal ijaarra, garraamummaan wal tajaajilla, ba’aa walii baachaa, gad of deebisnee jaalalaan dhugaa dubachaa tokkummaa amantootaa ijaaruu dhimmeefanna.

Lb. Dr. Gemechu Olana, barrefame