Maddi Gammachuu Keenyaa Waaqayyotti Gammaduu Keessaati

Maddi Gammachuu Keenyaa Waaqayyotti Gammaduu Keessaati
“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa….” Filiphsiiyus 4:4 Phaawuloos ergaa isaa gara warraa Filiphisiiyus kana kessatti eggaa yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa jedhu maal jechuu barbaade laata? Jireemyi biyya lafaa hedduminaan dadhabbii fi sodaan kan guuteedha. Namin wanta amma fuula isaa jiru irra kan hafe kan boorrii fi borduubaa kallattin qaarsisee guutuutti arguu hin danda’u. Qaarsisee kallattin namni borduuba arguu dadhabuun kun namni soda fi sassataan akka inni jireenya isaa oofu kan godhan keessaa tokko. Sassati horii fi angoo rakkinaa eenyummaa namaa qofa otuu hin taane, sodaa fulduree qaatan arguu fi mo’achuu dhadhabuu irraa kan madduudha. Kanaaf biyyi lafaa hammam haa qaroomtu, namoonni qabeenyaa hedduminaan yootullatanuu soda fi yaaddoo irraa hafanii akka Phaawulos jedhu kanatti yeroo hundaa gammadanii jiraachuun waanta fakkaatu miti. Phaawulos egaa maal jechuu isaati ree? Gammachuu Phaawulos dubbatu kun kan inni jalqabuu Waaqayyo irraati- “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa.” Jechuun isaa Waaqayyo isa booddee keenyaa fi fuula keenya jiru irratti of gataa jechuu isaati. Jireenyi keenya harka Waaqayyoo jira. Isatu nu’uume, karaa Kiristoos immo deebisee nuyi warra yaadaa fi jireenyaan isaa irraa fagaatee ture ijoollee isaa nu godhate. Waa’een tokkon tokkoon keenyaa hedduu isa dhiba, jireenya keenyas akeeka isaa keessatti. Kanaaf haalli nuti keessa deddebinu yoo akka safara namaatti amma toolaa hin fakkaanne, yoo waa’een borii keenyaa nuuf ifaa ta’uu baate iyyuu yaaddootti gadi of dhiisuu irra Waaqayyo isa hundumaa danda’u hundumaas argu irra yaada ofii kaa’achuun barbaachisaadha. Gammachuun nuti horii yookaan aangoo keessaa argannu gammachuu dhaabbataa ta’ee soda fi yaadda’uu irraa nun oolchu miti. Yeroo fuula keeenya gara Waaqayyo irratti deebifnu duwwaadha kan nagaa fi gammachuu waaraa yaaddoo irraa nu oolchu qabaannu. Isa kana egaa inni Phaawuloos jedhu. Gammachuun kun gammachuu isa fuula ifuu duwwaa otuu hin taane qalbii fi ilaalacha jireenyaa keenya kan ilaaluudha. Yeroo nuti fuula keenya Waaqayyotti deeffanne isatti of-gannu, haalli naannoo keenyaa, muddami jireenyaa yookaan dhabuun nu hin raasu nagaan Waaqayyoo garaa fi yaada keenya rafamaa fi yaaddoo irraa waan eeguuf. (Filip. 4:7) Yeroo heddu garuu yaadu irra yaadda’uutti waanta of-laanuf, iji keenya oolchuu waaqayyoo out hin taane rakkina duwwaa waan argfuuf, afaan keenya gungummiin waan guuteef nagaa fi gammachuu hin qabnnu. Maddi gammachuu keenyaa Waaqayyotti gammaduu keessaati. Waaqayyotti gammaduu jechuun immoo isa amanachuu, itti of kennuu, isa abdachuu jechuudha. Gammachuun Waaqayyotti gammaduu irraa argamu gammachuu toluu yookan milkaa’uu haalaa irra argamu daran darba. Gammachuun hala irraa argamu umuriin isaa haguma haala sanaati, inni Waaqayyotti amanachuu irraa argamu garu dhabbataadha. Kanaaf Phaawuloos tasa yaaddotti ofi hin gatina, waanta isin barbaachisu yeroodhaa yerootti Waaqayyo duratti dhi’eefadhaa isa dura turaa malee jedha. Waaqayyo wanta nu barbaachisu yeroo isaatti nuuf kenna, ayyaana ittin isa eegganuus nuuf kenna. Kanaaf gammachuun Waaqayyo irratti gammachuu waaraa ta’e. Obbolessa ko obboleetti ko, nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa ol ta’e, karaa Kiristoos garaa kee fi yaadaa kee haa’eegu. Amen. Lb. Dr. Gemechu Olana, Barrefame