Jireenya Dhimma Baasuu
Jireenya Jiraachuu fi jireenya dhimma baasu jirachuun waa lama. Duuchadhumatti jirenya jiraachuun, maataan isaa iyyuu jireenya akka ta’e waanta mamsiisu hin qabu. Hata’u iyyuu malee daaqaan jireenya nuti jiraannu hiikaa fi gatii jireenya murteessa. Gatii fi hiikaa kana egaa dhimma baasaa jireenyichaa jenna. Jireenyi keenya jireenya irra darbee dhimma baasuu qaba. Dhimma hawaasa keenyaaf, dhimmaa maatii keenyaaf, akkasumas dhimmaa namoota naannoo keenya jiran maraaf. Sadarkaa duraatti garuu, waa’een dhimma baasuu kun jireenya dhuunfaa ofii irraa eegala. Namni dhuunfaatti ofii isaati jireenya dhimma baasu hin jiraanne, isa biraaf darbee wanta dhimma baasu hin qabu. Barreefama kana keessatti egaa mee waa’ee jireenya dhimmaa baasuu waliin ilaalla.
Duuka buutoti Gooftaa Yesuus, araaraan jireeenya haaraa argatan qofa otuu hin taane, akka sagaleen Waaqayyoo dhugaa nuuf ba’utti jireenya dhimmaa baasuu qabaachuu fi horachuutti waamaman. Wangeela Maatiwoos 5:13-16 yeroo dubbifanu gooftaan Yesuus Kiristoos waa’ee warra isa duukaa bu’anii akkas jedha. “Isin soogidda biyya lafaati. Garuu soogiddi miyaa isaa yoo dhabe soogidummaan isaa akkamitti deebifamuu danda’aree? Gadi gatamee miilla namaatiin didhiitama malee waa tokkollee hin fayyadu.”
Yesuus jireenya keenya sogiddeessuu sogiddan wal fakkeesse. Sogiddi maal akka ma’ii basu nu jalaa hin dhokatu. Sogiddi in mi’eessa akkasumas in soogiddeessa. Mi’eessuu isaatin nyaata afaan keenyatti tolee akka nyaannuuf nu gargaara. Soogideessuu isaatiin immo nyaati akka tortoree hin banneef maa’ii baasaa. Akkasumas namooti yeroo dheeraaf soogidda akka qorichaatti dhimma itti ba’aa turan. Ar’a waanta warshaatti hoomishamu keessaa kan maa’iidhuma kanaaf kan soogiddi itti hin makamne yaraadha. Gooftaan Yesuus egaa isin, duuka buutoti koo, soogidda biyya lafaati yeroo jedhu, maa’iin jireenya keessanii akka soogidda kanaati jechuu isaati.
Amanaan soogidda biyya lafaati. Biyya lafaa kana kan mi’eessu, kan tortoruu oolchuu daaqaa jireenyaa ofii keessaa qaba. Waaqayyo araara isaan nuu keessa hafuura isaan jiraachuu waan fedheef, ijaa hafuura keenyaa waan nuuf baneef jireenyi keenya soogiddumaa kana horate. Akka kanaan kan gooftaan Yesuus jedhu, gochaa keenyaan, adeemsa keenyaan akkasumas haasaa keenyaan biyya lafaa kana mi’eessuu fi soogiddeessuutti waamamtan jechuu isaati.
Jirenya Miyaa jiraachuun filanadha
Jireenyaa maa’ii baasuu fi miyaa jiraachuun filanaadha. Nammii yoo filate, jireenyaa bushaa’aa akkasumas hadhaa’aa kan naannoo isaa hadheessuu fi summeessu jiraachuu danda’a. Amantoo gooftaa Yesuus garu jireenya miyaa kan biyya lafaa hadhaa’uu fi tortoru oolchu jiraachuutti waamane. Biyya lafaa kana kan hadheessuu sadarkaa duraatti jibbiinsaa fi hammina nama cubbamaati. Jibbiinsi, hammini, hinaaffaan garaa garaa fi albaadhummaan yoomi iyyu warra jireenya keenya adheessanii dha. Nammi cubuun irratti mo’ee gooftaa isaa ta’e, jireenyaa jibbaa, hamminaa, hinaaffaa, fi sassata garaa garaa jiraatu ofii isaatis nagaa hin qabu, biyya lafaafis nagaa kennuu hin danda’u. Kan Yesuusiin qabu nagaa, jaalala, gaaruummaa, garraamummaa fi obsaa qaba, isaan kanas biyyaa lafaaf hiruun biyya lafaa mi’eessa. Amnaan tookko egaa mi’eessuu isaa kanaan cuubbuun biyya lafaa tortoresee akka hin balleessineef dama’a. Jireenyi Amanaa tokkoo mi’eessuu fi soogiddeessu kana keessa ala ta’ee hin danda’u. Kanaa achii eenyuufuu dhimma hin baasu.
Mi’eessuun itti makamuudhaani
Sadarkaa Lammaffaatti yoo ilaalle mi’eessun yookan soogiddeessun kun kan ta’uu danda’u itti makamuudhani. Soogiddi achuma qodaa isaa keessa ta’ee mi’eessuu yookaan soogideessuu hin danda’u. Miyeesuuf isa miyeessuu male sanatti dabalamuu yookan makamuu qaba. Egaa jireenyi amanaa tokko kan inni sogiddumaa kana qabaatu, waanta fooyya’uu male, geddaramuu male, yookaan hakka hin banneef tikfamuu male hundumaatti hirmaachuun dhimmaa soogiddumaa isaa kana ba’a. Jireenya maatii keenyaa, jireenya hawaasa keenyaa, akkasumas dhimma biyya keenyaa qarqara dhaabannee hawwa duwwaan yookaan hiixannaadhaan geddaruu hin dandeenyu. Akkuma gooftaan keenya jireenyaa namootaa sadrakaa garaagaraa, of qusii tokko malee itti makamnee fayyinaa fidee fi gaariitti geddare, nus duuka buutoti isaa jireenya maatii keenyaa, obboloota keenyaa, hawaasa keenyaa darbees biyya keenyaa itti makamuun fedha Waaqayyoo namoota hundaaf mullisuu nu irraa eegama. Kana gochuu duwwan kan jireenyaa keenyaa akkasumas kan biraa miyeessuu fi tortoruu oolchinu.
Jireenya Miyaan Dubbii Waaqayootti qabamuu irraati
Egaa jireenya miyaa kana jiraachuuf hundumaa dura amanaan kamuu, isa miyaan jirenyaa keessaa burqu Waaqayyotti qabamuu qaba. Otuu jabaannee dubbii Waaqayyoon jireenya keenya hin sooriin, qalbiin keenya hin ijaaramin, guyyaa guyyaatti walqunamtiin nuti Waaqayyon wajjin qabnu gabbataa hin adeemin, jireenyaa soogiddummaa horachuun hin danda’amu. Jireenyaaa mi’aa isa gooftaan dubbatu kana horachuuf yeroo hundumaa kadhatti jabaachuu, Macaafa Qulqulluu dubbifachuu, hirmaannaa tokkummaa amantootaa jabeeffachuu, hundumaa oli immoo Waaqayyoof abboomamuu jireenya keenya keessatti dhugeefachuun barbaachisaadha. Otuu Waaqayyoof hin abboomamin, fehdaa isaa ga’aatti hin hubatin jireenya miyaa jiraachuun hin danda’amu.
Soogiddummaa kan qabu ifa namootaati
Yeroo jireenya miyaa kana jiraannu egaa nuti soogidda biyya lafaa duwwaa otuu hin taane, ifa biyya lafaati. Yeroo dubbii Yesuus itti fufnee dubifannu boqonnaa shan lakkobsa kudha afuri irratti “Isin ifa biyya lafaati…” yeroo jedhu jireenya keessanin, deddeebii keessaniin, gochaa keessaniin hassaa keessaniin kallattii dhugaa Waaqayyoo, kallattii jirenyaa agarsiiftu jedhuu isaati. Akkuma ifti dukana mo’achuun kallatti argisiisuu male, yookaan akkuma aduun ifa isheen umamaaf jireenyaa laattuu, duuka buutoti Kiristoos dukkanaa cubbuu hundmaa mo’achuun walii walii isaaniif akkasuma biyya lafaa isa keessa jiraataniif ifaa ta’uutti waamamne. Ifa ta’uun kun tarii salphaa hin ta’u. Kan ifa ta’uu male hundumtuu gubachuu male. Gubachuu malee ifuun hin jiru. Gubachuun keenya garuu boba’anii baduu akka hin taaneef hafuurri Waaqayyoo yeroodha yeroootti ayyaana Waaqayyoo nu gonfa. Isa kanan egaa kan Kiristiyaana tokkoo jireenya ifaa dhabbataa horatu.
Mee kara keettan deebi’aa jireenyi kee mal fakkaata? Namni si mi’eefata moo si hadheefata lata? Jiraachuun kee maatii kee keessatti, hawaasa kee keessatti garaa garummaa uuma qaba lata? Obbolessa koo , obboleettii koo gooftaan Yesuus jireenyaa miyaa jiraachutti nuu waame. Walii keenyatti jireenyaa hadheessuu, yookaan jireenya walii keenyaa tortoresuu otuu hin taane jireenya wali walii keenyaa mi’eessu, tortorsa cubbuu wal oolchuu fi jireenyaa fi fayyina waliif ta’uutti nu waame. Egaa akka kanatti kan jireenya miyaa kan jiraannu. Jireenyaa miyaa kan jirachuun keenyas Waaqayyo akka ulfaatuu fi maqaan isaan gaarummaa hundumaa akka dubbatamuufi. Yesuus akkas jedha, “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii Abbaa keessan isa Waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessam akkuma kanatti namoota duratti haa ifu.
Lb. Dr. Gemechu Olana, barrefame