Wanta nu dura jiru duwwaatti haa hiixannu.

Wanta nu dura jiru duwwaatti haa hiixannu.
Ergamaan Paulos yeroo waa’ee akeeka Waaqayyo fuula keenya dura kaa’e bira ka’uuf ka gochuun nu irra jiru dubbatu ergaa isaa gara warra Filiphisiiyus kessatti akka jedha: “Obboloota ko ani akka nama harka isaa keessa isa galfatetti of hin lakkaa’u. Hata’u iyyuu male. Waan tokko nan godha; wanta na booddetti hafe yaaduu dhiisee; wanta na dura jirutti nan hiixadha.” Fipl. 3:13 Pawuloos adeemsa amantii figicaa dorgommeen wal fakkeessa. Akkuma hundumti keenya beenu namni dorgommee fiigu yoo dhugaatti dorgommee isaa mo’icaan xumuruuf murteefate qutummaatti ija qalbii isaa xumura irraa kaayyate jabinaan gara fuula isaa duraatti fuggisa. Akkuma kana Phawuloos yeroo waa’ee jireenya amantii dubbatu ka booda koo jiru booda kootti dhiisee isa na duraati nan hiixadha jedha. Yeroo tokko tokko jireenya keenya ka dhuunfatu ka fuula keenyaa caalaa ka booda keenyatti hafedha. Ka booda keenyatti hafe garu booda keenyatti hafe. Jireenyi keenya, yookaan yeroon garuu gara fuula duraatti malee gara boodaatti hin adeemu. Kanaaf otuu dhaabbannee ka booda keenyatti hafe ija gaabbinis ta’e ajjabfachuun ilaallu hedduu keenya jireenyi ammaa heddu nu darba. Jireenyi bori gadameessa isa harraa keessa jira. Kanaaf, harra wanta nuti goonu bor lafa nuti geenyu murteessa. Akka kanaan yeroo jireenya hedduun keenya ka booddee keenyaatti hafee qalbii fi jireenya keenya ammaa dhunfatu jireenyi keenya ammaa geddaramsa ga’aa kan hin qabaanneef. Akka gorsa sagalee Waaqayyootti, murteessaan ka booda keenyatti hafe, badiis hata’u gaarii out hin ta’in amma ka fuula keenya dura jiruudha. Abbootiin keenya yeroo mammaakan bishaan darbe hin waraaban jedhu. Bayyeen keenya garuu bishaan darbee otuu waraabuu yaaalluu, yookaan out nuti hin waraabin darbuu isaa gaabbinu, inni amma yaa’aa jirus nu bira kutee, laamanuu dhabnee, akka guungumnee fi gaabbinetti hafnna. Kun fedha Waaqayyoo miti. Ka booddetti hafe seenaadha. Ka fuula keenya jiru garu jireenya. Kanuumaaf Ergamaan Phawuloos ka booddee kooti booda kootti dhiisee ka fuula dura kootti hixadha jedha. Obboleessa ko obboleettii koo jireenyi kee akkami ? Guyya guyyaatti ka qalbii kee dhufatu, ka ati hodeessitu maali? Iji kee fuula kee duraa abdii Waaqayyoo irrra moo ka si boodatti hafe irra lata? Tarii waggaa haraa fuula keenya jiru kana jireenya haraa, yaada haraa, deddeebii haraa feetaa? Ergaan koo ka booda kee jiru booda keetti dhiisii isa fuula kee jiru qaqqabachuuf jabinaan hiixadhu ! Bara haaraa kantti Waaqayyoo qalbii waan qajeelaa fi jireenya-kennuu godhu nuuf haakennu. Lb. Dr. Gemechu Olana, Barrefame