Akka saba Waaqayyoo maqaa Kiristoos baatutti jiraachuuf.

Akka saba Waaqayyoo maqaa Kiristoos baatutti jiraachuuf.


Ergaa: Lewwoota (18:1–5) 19:9–18
Faarfannaa 41; Qolosaayis 1:1–14; Luqaas 10:25–37

“Waaqayyo Museetti akkana jedhe, 2 “Saba Israa’elitti dubbadhuutii, “Ani Waaqayyo Waaqayyo kee ti!” 3Akka isaan biyya Gibxii keessa jiraattan keessatti godhan hin godhinaa, akka isaan biyya Kana’aan isa ani itti isinitti fidu keessattis godhan hin godhinaa” Lewwoota 18: 1-5


Sabni Israa’el gara Biyya Abdachiifamteetti imala isaanii itti fufuuf yeroo qophaa’anitti, kakuu Siinaa booda, Waaqayyo saba isaa karaa Musee barsiisuu itti fufe, irra caalaa akkamitti akka namoota maqaa isaa baatanii jiraachuu qaban irratti. Isa kana kan arginu Maccaafa Lewwotta Boqonnaa Kudha Sadddeetii fi kuhdh sagala gara jalqabaati.

Biyyi lafaa isaan keessa jiraachaa turan dhuudhaa mataa isa qaba. Duudhan kunis heduminaan kan seera Waaqayyoo wajjin kan wal faallessudha. Naamusa xuraaʼaa kan akka saalqunnamtii firaa wajjin, , ejja garaa garaa, kessaa iyyuu saalqunnamtii saala walfakkaataa raawwachuu, ijoollee aarsaa dhiheessuufi cunqursaa hiyyeeyyii irratti raawwatameen ol aantummaa qaba ture. Amaloonni cubbuu kun guutummaatti seera Waaqayyoo fi hawwii innii saba kanaaf qabu walitti bu’aa. Kannaaf Waaqayyoo dursee Saba Israa’el, warrii saba kakuu isaa ta’an, duudhaa fi gocha akkasii akka hin fudhanne isaan akeekkaiissa.

As irrattii,kan hubachuu qabnuu abdiin jireenyaa, seeraa Waaqayyoo wajjin kan waliittii hidhamee ta’uu isaa ti. Kana jechuunis seeraa Waqayyoo irraa maquun gara badiisa fi nageenya dhabuttii geessa. Sabni Israa’el akka saba Waaqayyootti biyya abdachiifamte keessatti, jirrenya tasgabbii, nagaa fi fayyaa qabu kan jiraatan, yoo akka saba kakauutti qulqullummaadhaan, maqaa Waaqayyoo of irrattii eeganii jiraatan qofa.

Akkuma beeknu, akeekkachiisni fi abboommiin jiraatus garuu, sabni Israa’el, haala eenyummaa isaanii wajjin walsimuun jiraachuu fi deemuuf hedduu rakkatu turan. Yeroon isaan ittii qululuumma quutuun jirattan hin turre. Gooftaan humnaa fi dinqiidhaan gammoojjii keessa yommuu isaan geggeessu illee, yeroo baay’ee waaqolii tolfamoo fi jireenya cubbuutti harkifamu, hedduu Waqayyoo irratti gungumaas turan. Yeroo baayʼee, namoota aadaa hawaasummaa fi seeraa isaanii akka hin hordofne akeekkachiifaman irraa jireenyyi isaanii adda akka hin turre argina. Garuu Waaqayyoo waadaa isaaniif galeera irraa kan ka’ee, yeroo isaan fuula Isaa barbaadan, dhiifamaafi hara’umsa ni argatu turan(Seera Keessa Deebii 4:29, 30).
Kan irraa kan hubannuu, qulqullummaan bu’aa jireenyaa Waaqayyoo wajjin walqabatee, dhiibbaa waaqummaa isaa jalatti. Akkasumas eenyummaa fi garaagarummaan Israa’el filannoo ayyaanaa fi hariiroo Waaqayyoo isaaniif qabu keessa madda. Isaan saba isaa, warra Gibxii keessatti garbummaa jalaa furee, gammoojjii keessa jiraachuu isaaniitiin isaan geggeessee, kunis qulqulluu isaan taasisa.

Kana jechuun Waaqayyo yammuu saba Isea’eeliin “Ani Gooftaa Waaqa keeti” yommuu jedhu, isaan hojii mataa isaati, akka ta’an mullisa. Darbees, kakuu inni isaaniif dhaabe keessatti isa waliin tokko ta’anii, haala ulfina Waaqayyoof malutti deddeebi’anii jiraachuu dha. Kana jechuun, qulqulluummaan hariiroodha, hariiroo Waqayyoo wajjin fi jireenyaa hariiroo sana addessuu jiraachuu dha.

kun kan mullisu, Sabii Israa’el akka saba Waaqayyoo qulqulluu ta’anii jiraachuuf, jireenya cubbuu fi aadaa fokkisaa naannoo isaanii jiru irraa adda of baasuu qofa osoo hin taane, hojii qajeelaa irratti of kenannii, jireenya Waaqa dhugaa tokkicha waaqeffachuuf akka jiraatan isaan gorsa.

Kun harʼaaf hiika maalii qaba?

Har’a, barreeffamni kun nu, saba Waaqayyoo warra filatamee fi furmennee, nutti dubbata. Nuti saba Waaqayyoo qulqulluudha, Kiristoos Yesuusitti cuuphamnee fi fayyine, akka wamicha keenyattii maqaa isaa akka mullisnuu dha. Waaqayyo gara laafessa ta’e “bulchiinsa dukkanaa jalaa nu baasuudhaan” Kiristoos Yesuusiin eenyummaa haaraa nuuf kenneera. Karaa du’aa fi du’aa ka’uu Gooftaa, garbummaa gosa xuraa’ummaa hundumaa jalaa nu oolchee “gara mootummaa Ilma isaa isa jaallatamaa, isa nuti furtuu, dhiifama cubbuu itti argannetti nu dabarsee” qulqulloota ijollee Waqayyoo nu godheera. Qol.1:14-14
Gocha ayyaana Waaqayyoo kanaaf deebiin keenya jireenya waamicha keenyaaf malu, akka ijoollee Waaqayyootti eenyummaa keenya haaraa jiraachuudha.

Akkuma saba Israa’el, deebiin keenya sodaa fi jaalala Waaqayyoof jechaa fi hojiin ta’uu qaba. Eenyummaa haaraa akka ijoollee Waaqayyootti hariiroo keenya hundumaa keessatti calaqqisiisuu nurraa eegama. Kana jechuun akka saba Waaqayyootti jiraachuu, maqaa Kiristoos baachuu, hariiroo keenya hundumaa keessatti jaalala Waaqayyoo calaqqisiisuu jechuudha. Kunis jireenya arjummaa, warra dibameef arjoomuu, jireenya dhiifma, gara laafina dhugaatiin namoota hundaa tajaajiluu. Kun immoo kan ta’uu qabu bu’aa eegachuuf otuu hin taanee, arjummaa guutuun ta’uu qaba.

Akkuma Yihudoota kanaa garuu, hundi keenya eenyummaa keenya walaansoo walqabna. Keessattuu akka saba Waaqayyootti jiraachuu keessatti, hariiroo keenya hundumaa keessatti jaalalaa fi ayyaana isaa calaqqisiisa ni rakkanna. Dadhaboo fi cubamoota wanta taneef. Yeroo baay’ee, waanta goonuu haala ilaallee, yoo bu’aa fi hiika nuuf qabatee duwwaa itti dhamana.

Gooftaan keenya inni arjaa dhugaan garuu addunyaa keenya seenee jireenya waamicha keenyaaf malu nuuf dhiyeessuu irraa gonkumaa duubatti hin jenne. Sana fannoo irratti agarsiiseera. Har’as itti fufee jira, karaa sagalee isaa fi irbaata qulqulluu isaatiin, cubbuu keenya irraa nuqulqullessee, hojii gaariidhaaf nu cimsuuf nutti dubbata. Waaqayyo ulfina akka argatuuf, jaalala Waaqayyoof qabnu, dubbii fi hojiidhaan, akka argisiisnu humna akka nuuf kennuuf Hafuurri Qulqulluun yeroo hundumaa gargaaraa kenya. Kana maaf godha? Waqayyoo dadhbina keenya beeka. Lammaffaa, akeeki Waqayuyoo nuuf qabuu, cubbuu biyyaa lafaan dhunfatammnee, akka badnuuf otuu hin taane, keessaa furamnee, akka ijollee isaatti maqaa isaa ulfinaan baannee akka deddebinuuf waanta’eef. Gochaa isaa kanaaf Waqayyoi haa’ulfaatu!

Gooftaan gara laafessa ta’e hundumaa keenya haa eegu, “akkaataa isaaf malutti akka deemnu, guutummaatti isa gammachiisuun, hojii gaarii hundumaa keessatti firii godhachuudhaan, Waaqayyoon beekuun akka daballu” nu haa dandeessisu. Ameen.

Leave a Reply