Ibsaa Kee Ol Kaasii Ibsadhuu
“Namoonni hojii kee isa gaarii arganii abbaa keessan isa Waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanatti namoota duratti haa’ifu!”
Mat. 5:16
Nuti ijoollee tasaa miti
Waaqayyo akeekaan jireenya biyya lafaa kana keessa nu kaa’e. Jireenyi ilma namaa tasa hiiika tokko malee ardii kana irra hin kayyamne. Macaafa Qulqulluu irraa akkas jedha; “Ani Waaqayyo kanan si uume, gadameessa haadha kee keessatti kanan si tolche, kanan si gargaarus…” (Isa. 44:2). Akka dubbii kanaatti as dhufaatiin keenya Waaqayyo biraati. Jechuun, tasuma akka waakkoo lafa kana irratti margine otuu hin ta’in, Waaqayyotu akeeka tokkoof yaadee bareechee akka bifa isaatii fi fakeenyaa isaatti nu uummate. (Seera Umamaa 1:2). Akeeki isaas akka namni bifaa fi fakkaatti Waaqayyoo uffate kun gabaabatti itti gaafatamuumaan lafa kana guutuu fi fedha Waaqayyoo tajaajiluuf. Egaa jireenyi tokkoon tokkon keenyaa Waaqayyo duratti gati jabeessa, darbees hiikaa fi kaayyoo qaba. Tarii yeroo garaa garaatti shaakalli nuti qabnu, kan naannoon keenya nutti himus jireenyi keenya kan hiika hin qabne itti galliin isaa kan hin beekamne nutti fakkeessuu danda’a ta’a. Biyyi lafaa kan cubbuun mo’ame, yoom iyyuu gara badiisaa, gara hirrina hundumaatti nu ofuu irraa of hin qusatu. Nutis yoo dhubbii kana dhugeefane, jireenya akeekaa fi kallattii hin qabneen oofamna taane, hammam Waaqayyo irraa fagaannee akka baajajaa jirru nu agarsiisa.
Nuti gatti jabeyyidha
Waaqayyo waa’een keenya ka isa dhibu, yeroo nuti ilami namaa irraa baqannee cubbuun iji keenya jaamaa dukkana jireenyaa keessa jooraa turre, otuu akka ilmaan badiisaatti nu hin lakkaa’in nu barbaacha gara keenya dhufe. Laaqii fi dhibee keenya hundumaatti hirmaachuun ol kaasee nu dhaabe. Tarii dubbii kana yoon fakeenyaa ibse gaarii ta’a. Aantee keenya ka caffeen nyaate tokko, yoo furuu feene caficha wajiniin laqnee olfanna malee, alaala dhaabannee hidhii hin xuunnu. Waaqayyo akkasuma nu ijoolee uumaa harka isaa caffee cubbu fi badiisaa keessa nu olfachuuf ofii isaati gadi dhufee dhiphina keenyatti hirmaatee. Akka kanatti egaa Waaqayyo harka keenya nu qabee nu fure, birmaduu guutuu nu baasse. Kanaaf ara’a hundumti keenyaa gammachuun sirbinee farsinaa, Waaqayyonis galateefanna. Foramuun keenya garu dhuma fayyisuu Waaqayyoo miti. Fayyini keenyaa Waaqayyotti deebi’uun keenyaa duwwaan xumurama otuu hin ta’in dhugaattii kallattiin waaqayyoo wajjin, amantiin abdii fayyisuu, birmaduu fi jaalala dhugaan guututti deddebi’uu dha. Kunis nuuf jireenya biyyaa lafaaf immo dhuga ba’umsa ka garaa Waaqayyoo isa jirenyaa nuuf kenne agarsiisiidha.
Nuti Sogiddaa lafaa fi ijoollee ifaati
Waaqayyo inni dhugaa ta’e, inni ifa hundumaa ta’e, dhugaa fi ifaa isaa gutuun gara keenya dhufe jireenya dukkana keessa gara ifaa fi jireenya araaratti nu bafate. Torban kana boodaa yeroon jiru akka amala biyya kanaatti yeroo itti Waa’ee dhalchuu gooftaa keenya Yesus Kiristoos ayyaanefannuudha. Yeroo kana akkuma arginu yeroo ifaati. Kun tasuma wanta ta’e miti. Kan inni dhugaa ba’u ifti gara ilmaan namootaa dhufuu isaati. Sagaleen Waaqayyoo waa’eedhufaatii Yesuus yeroo dubbatu, “ Sabini dukkana keessa jiraate ifa guddaa isaa arge, warri gooftummaa du’aa jala jiraataniifis ifni ba’ee”jedha. (Isa.42:6, Mat 4:16) Ifti kun kara keenya dhufuun egaa hedduun keenya ka ar’a gooftummaa du’aa, gooftummaa gadantummaa, gooftummaa sodaa, gooftummaa cubbuu, fi kkf jalaa baanee birmaduun abdii Waaqayyootti qabamnee jiraannu. Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisuun oftii nu qabate duwwaa otuu hin taane ijoollee ifaa nu godhate. Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha; “Ani saba koo warra hin ta’iniif ibsaa, fayyinas gara biyya lafaa hundumaan akka geessitus si godheera” jedha. (H.Erg. 14:47, hiika GO) Kanaafitu gooftaa kenyaa Yesuus Kiristoos “Isin soogidda lafaa ti… Isin ifa biyya lafaati” nun jedha. (Matt. 5:14). Waaqayyoon haagalatu ! Nuti ijoollee tasaa ka jireenyi keenya hiika hin qabnne, ka kaayyoo fi maa’ii hin baafne miti. Nuti ijoollee Waaqayyoo isa hundumtu keessaa madde dhimmaa ol aanaa maa’essuuf as lafa kana irraa kayamneedha.
Nuti soogidda biyya lafaati. Jireenya, abdii, birmaduu, qajeelummaa, nagaa fi jaalala karaa kiristoos badhaafamnetti qabamnee jiraachuun biyya lafaa, naannoo keenyaa, jireeenya obbollota kenyaa fi hawwasi keenya motummaa du’aa jalatti kufee tortoree akka hin banneef soogiddessuu fi haaressuuf Waaqayyoo akeekaan ofitti nu qabate. Darbees ibsaa jireenyaa, ka inni araara isaatiin laphee keenya keessa nuuf kaa’e ol kaasnee qabachuun kallatti abdii Waaqayoo isa gaarii fi dhugaa ta’e akka agarsifnuuf Waaqayyo nu fo’ate.
Obboleetti ko obbolessa ko jireenyi kee akkami ? Ibsaa kee olfuutee baachaa jirtaa? Naanoon kee, hawasii ke, maatiin kee soogidda jireenyaa ka dhugaa fi birmaduu Waaqayyoo si irraa mi’eeffatuu lata? Jireenyi nuti itti waamane jireenyaa hiikaa fi kaayyoo hin qabne ka akka dha’a galaanaa asii fi achi dha’amnu miti. Jireenyaa abdii Waaqayyoo keessa dhugaan deddebi’anii fi abdii sanatti jiraataniti, jireenyaa kallatti agarsiisuu fi meeshaa fayyinaa fi geddaramsaa ta’uuti. Tokkoon tokkon keenya Waaqayyo kanaaf nu barbaade, gara keenya dhufe. Dhugaa dubbii Waaqyyoo isaa dhugaatti qabamnee akka jiraannu meeshaa hojee isaa isa gaarii akka taanuuf Waaqayyo nu haagargaaru. Amen.
Lb. Dr. Gemechu Olana, Barrefame