SABQUUNAMTII WANGEELAA BIRMADUU

Akeeki Waaqayyo nuu hundumaaf qabu waa tokko, innis jireenya. Amma yeroo fuula isaa dura deddebinu kanatti jireenya guutuu, jechuun toles, yoo ka bades ta’e, yeroo amma qabnu kanatti ija keenya abdii Waaqayyo nu fuldura kaa’e irra keyyanne, battala ammatti garu guututti akka jiraanuudha. As irratti guutuutti jiraachu yeroon jedhu, bashaanee jechuu duwwaa otuu hin ta’in itti gaafatama Waaqayyo akka umama isaatti nutti laate gutummaatti jiraachuuf dhama’uu fi waamicha keenyatti yeroo ta’uu fi yeroo hin taane hundaatti itti jiraachuu jechuu kooti. Tarii dubbi kana fakkeenyaan yoo ilaalli gaarii ta’a.

Yeroo tokko Ermiyaas Saba Isiraa’el ka boojuu keessa jiraniif akkas ka jedhu barreessa tokko ergeef. “Waaqayyo gooftaan Macaa, Waaqayyo inni ka Israa’el warra Yersussaalemii booji’amanii gara biyya Baabiloonitti geeffaman hundumaan, Mana ijaaradhaatii, keessa taa’aa, lafa qotadhaati Wanta isa irraa argattan nyaadhaa! Nitii fuudhaatii ijoollee horaa, ilamaan kessan fuusisaa, intaloota keessan heerumsiisaa, isaanis ijoollee haahoran! Lakkoobsi keessan haabayyatu malee, hin xinnaatin! Mandaraa ani akka isin booji’amtanii itti geeffamtan godhe kanaaf nagaa barbaadaa, Waaqayyonis kadhadhaaf! Isheen nagaa yoo argatte isinis nagaa in argattu jedee dubbateera”. (Ermiyaas 29:4-7)

Yeroo haalla yeroo sana keessatti ilaalle ergaan kun heddu nama dhiba. Nebukadnezaar, yeroo duraa bara 605 DKR dargaggootaa jajjaboo ka akka Dani’eel, Mishaa’el, Azariah fi Hannaniiyaa akkasumas oggeessota Isiraa’el boji’ee baabiloonitti guurratte, ergaa turee boodaa lammesso, Nebukadnezaar bara 657 DKD deebi’ee mooti Isreal ka ture Jeconiah boji’ee gara baabiloonitti geefatee ture. Xalayaan kun egaa bojuu motii kana isa lammaffaa yeroo yara booda kan barreeffame. Haala isaa yoo gadi fageessinee ilaalle, yeroo itti abdii Waaqayyo tutturee, dhiibuun hammaatee fi qaaniin saba Israa’el qalbii cabse ture. Yeroo kanatti egaa, ka Ermiyaasa ergaa Waaqaayyo ka ol aanu dubbiufanne barrafamaan itti erge.

Ergaan sun faalla abdii isaanii ture. Yeroo sanatti ergaan isaan rajii Waaqayyoo irraa eegan lafuma boojuu jiraattanitti jireenya guutuu jiraadhaa ka jedhuu otuu hin ta’in, yoom galla laata, yoom Waaqayyo nu yaadata laata, Isiraa’el yoom deebitee mototashee Waliin ijaaramti laata ka jedhu malee. Haaluma kana irraa kan ka’e fakkaata, yoo Ermiyaas boqonnaa 28 dubbifnu Hanaaniyaan raajii fi abdii sobaan ka saba Isiraa’el biyya boojuu jiran goyyomsaa tur. Sabi Isiraa’el haala rakkinaa fi muddama yeroo sanaan iji hafuuraa isaanii jaamee, abdii sobaan of uruursanii jirenya isaanii dagatanii abdii Waaqayyoo irraas ija isaanii buqqifachuu isaanii Waaqayyo hin jaallanne.

Yeroo kana egaa Waaqayyo ergaa kanaan gara isaanii dhufe. Ka inni jedhe, ‘dhugaadha deebisee isin nan dhaaba,’ isin nan yaadadha, (Ermiyaas 29:10) amma battala kanatti garu asumatti jireenya gutuu abdii sana jiraadhaa jedhe. Waaqayyo haalli isaan keessa jiran sun akka inni jirenyaa harkaa fudhatu, gadadoo duwwaan taa’anii akka hidhii xuuxan hin feene. Sababiin isaa haalli sun dhuguma isaan harakka hin jiru, garuu Waaqayyo harkka jira. Kanaaf isa isaan harkka hin jirree eeggachaa isa isaan harka jiru garu guutuutti akka itti dhimma ba’an isaan abboome. Abdii sobaa fi of goyyomsuu garaa-garaan rakkina isaanii akka irraanfatan otuu hin taane, amma haala hin taane kana keessaa ka danda’an haala ta’u ka gochuu qaban akka godhan Waaqayyo isaan irraa fedhu fedha ture.

Si’a tokko tokko jireenyi keenyas kanuma fakkata. Yeroo sagantaan keenya nurkatti jigee, abdiin keenya battala tokkotti akka fixeensaa nu duraa adeemu, ka jalqaba nu dhuunfatu boquu buusuu, abdii kutannaa, gungummii, komee fi jirenyaa dhaabuu dha. Kun garu fedha Waaqayyoo miti. Haalli ulfaatoon karaa, wallaaluma kenyaan, dogoggora keenyaan, cubbuu keenyaan yookan immoo ka humna keenya gararraa ta’een nuqunnamuu danada’a; sirreessuufis humnaa keenyaa alas ta’uu danda’a. Kun hundumtuu garuu harkaa Waaqayyo ala miti. Waaqayyo, wallaalummaa keenya keessa nu basa, cubbuu keenya nuuf dhiisa, isa hunma keenya gararraa ta’es nurraa kaasa! Kun kan ta’u garuu yeroo isaatti. Yeroo isaatti Waaqayyo abdii isaa xumuruuf hin dhufa, hammasitti garuu jireenya guutuutti safara dandeeny keessatti akka daguu malee jiraachuuf dhamaanu dubbiin Waaqayyo kun nu yaadachiisa.

Obbolessa koo obbolettii koo jireenya attamii jiraatta? Waaqayyo haala kamuu keessatti jireenya abdii sobaan of uruursanii itti gafatama ofii jalaa baqannu, yookaan immo akka ijoollee ormmaa ala gubanii hawasaa iirraa teenyee ka nuuf arjooman qofa dhadhamacaa, bara keenya gadadoon dabarsinu nurraa hin fedhu. Amma lafa jirru, haala jirru keessatti, Waaqayyo jireenya guttutti nu waame. Abdiin Waaqayyoo yeroo isaatti hin guuta, haalli amma ati keessa jirtus, bor guutuu Waaqayyon hin duunfatama, anaaf ati garuu harra’a safara amma dandeeny keessatti dhama’ina guutuu dhama’uu fi jirenyaa Waaqayyo nuuf kenne kallatti abdii Waaqayyoo keessatti jiraachuu dha.

Lb. Dr. Gemechu Olana, Barrefame