SABQUUNAMTII WANGEELAA BIRMADUU


Abdiin fufiisaa fi hara’au yookaan foya’uu jireenyaa ka ilama nama mara biyya lafaa kana irratti ka hiikaa fi bifa itti godhuudha. Namni abdii hin qabnne jireenya bushaa’aa ka bifa hin qabnne, jireenya dadhabaa of booda ilaaluu fi komeen guute jiraata. Ka abdii qabu, ka bor lafa itti galu, ka bira ga’u male of duraa qabu akka bira ga’us amanta qabu, ka haalli amma xumura oto hin ta’in carraa jalqaba haraa ta’uu isaa beeku, jireenya hamilee fi abiddiin gute jiraata. Kun kan gabaabatti mullisu ka nuti laphee keenya keessaa qabnu jireenya keenya guyya guyyaa murteessu irra darbee dheeraatti lafa nuti geenyee dhaabannu sarara.

Tarii hedduun keenya lafa ara’a jirru yoo of duuba deebinee xiinxalle abdii fi dhama’ina abdii keessaa madduun alattii akka tasa ka nuti furgisa jireenyaatti baane hin jirru. Haa xiqaatu iyyuu malee abdii fi dhama’ina tookko malee ka ara qabnu tokko bira hin geenye. Ammuma yoo of gaafanne, maalif lafa kana hundumaa kunnee, maatii fi hawasa keenya keessaa baanee biyya anbaa kana dhufne? Tookkoon tokkoon keenya kanaaf deebii ga’aa qabnna. Innis, hedduun keenya abdii jireenyaa, guddina fi birmaduu ga’aa ka keessatti abjuu jireenyaa mirkaneefannu barbaachaa as jirra. Abdiin oofa jireenyaa ti.

Hata’u malee yoo jireenay keenya guyya guyyaa ilaalle hawwaa fi jireeya nuti guyya guyyaatti jiraannu hedduu kan nu mudhuksu, kan nu dhadhabsiisuu, ka amantti keenyatti nu laaffisu halii jireenyaa jiraachuu haaluu hin dandeenyu. Kanaaf safarrii abdii keenyaa ka hedduu keenyaa yeroodhaa yerootti garaa gara. Kaan abdiin keenya amma iyyuu saafila, ho’aadha, kanaaf hamilee guddaadhaan in dhamaana. Kaan keenya immoo suuta suutaan nurkatti laafee iji keenya isa fuula duraa irra isaa booda keenyatti dabarsine irraa buufatee haala ammaa gaddaa fi gaabbiin ilaalla ta’a. Kaan keenya immoo muddama jireenyaa of irraa facisaa abdii jireenyaa qabnnu jabeefachuuf abdii kutachuu garasitti hala kam iyyuu keessatti warraaqna. Abdii nuiti qabnnu adeemsaa fi bifa jireenya keenyaa tolcha.

Hata’u malee, garaa garuumaan abdii kun eessaa madda ? Deebiin kanaa gabaabatti laphee garaa keenyaa keessa madda. Namni qalbii isaa keessatti kan kuufate shaakala jireenyaa, ogummaa fi ilaalchaa isaa ala jiraachuu hin danda’u. Kanaaf abdii dhabuun, mogolee laafuun, ofbooda ilaaluun ka dhufu yeroo sammuun keenya shakala jireenyaa kenyaa irraa kan kuufate milka’uu dhabuu keenya nuuf dhugeessu, yooakan immo madaala ormaa fi naannoo keenyaa gutu dhadhabnu, akkasumas dhadhabuu keenyaa fi hala amma keessa jirru garasitti waantii haaraan akka hin jirre amannee fudhanne dha. Kaan keenyatti immo shaakalli jireenyaa faallaa kanaa waan nuu dhugeessuuf, ganamaa gaafa kaanu nuffaa otuu hin ta’in abdiin, gammachuun borri keenya tolfachuuf bobbaana. Ati ara’a abdiin jireenay kee kalattii hundumaan attami ?

Macaafi Qulqulluun waa’ee abdi, waa’ee abdii dhabuu fi jireenyaa namota abdii dhabanii iddoo heddutti kaasee waa hedduu nu barsiisa. Waaqayyo nama uumee ergaa akka horanii fi lafa guutan booda ka inni dhala namaa hundumaaf kenne abdiidha. Kana Macaafa Qulqulluu gutummaati yoo dubbifanne arguu dandeenya. Waaqayo, namooti cubbutti kufuu isaaniin abdiin isaan qaban dukkanaa’ee Waaqayyo irraa fagachuun jireenyi isaan qaban yoo jeeqame iyyuu, Waaqayyo abdii jireenyaa haraa namoota hundumaaf kennuun akeeki isaa dhala namaa hundaaf maal akka ta’e guutummaatti karaa gooftaa keenyaa Yesus kiristoos mul’iseera. Kufaatin, abdii dhabuun, du’i dhumaa jireenyaa akka hin taane, kufaatii garasitti ka’uun akka jiru, abdii dhabuu garasitti abdiin akka jiru, du’a garasitti du’aa ka’uun akka jiru, dhiphina garasitti birmaduun akka jiru Waaqayyo sagalee isaa qofaan otuu hin ta’in seenaa keessatti dhipinaa, abdiidhabu, kufaatii, jibbamuu, tuffatamuu, lubummaa dhabuu dhala namaa hundumaa namummaa gooftaa Yesuus keessan hirmaate kana hundumaa cabsee du’aa ka’uu isaan abdii keenya ta’e.

Tarii hedduun keenya ara’a abjuun nuti waggaa muraasa dura waa’ee ofii keenyaa, waa’ee jireneenya keenyaa, waa’ee hawaasa keenyaa qabaachaa turre arr’a, nurkatti laafee, mogoleen nu bu’ee, kaan keenya immoo of-booda ilaallee gaabbiin qalbii nu fudhatee waa hedduu kajeeleerra, kan immo harka laanee oofaa galaan jirinyaatiin dhuunfatamneera ta’a. Kanaaf sababa heddutu jira. Kaan keenya akka abjuu keenyaatti milkaa’uu dhabuun keenya, yookaan immoo geddaramsii ga’aan hawwinu tutturuun, yookaan immoo murtoo dogoggoraa nuti jireenya keenya keessatti fudhanne qalbii hafuuraa keenyaa dadhabsiisee haala keessa jirru akka amannee fudhanne teenyu nu sossoba.

Waaqayyo inni abdii keenya ta’e garu kun dhugaa isa xumuraa akka hin taane, jireenyi guutuun, nagaa fi birmaduun dhugaa fuula keenya akka jiru, haalli inni ammaa ka haaraan akka dhuunfatamuu nuuf dhugeessa. Egaa ija keenya yeroo sagalee Waaqayyo kana irra keeyyannu rafamuu hundumaa irraa in baraarammna. Haala kam iyyuu garasitti mataa keenya ol qabannee, gungumuu malee abdii jiraanya, abdii isa hin raafammne, isa du’a garasitti jireenya, isa dhiibuu hundumaa garasitti birmaduu, isa dhabuu hundumaa garasitti eebba guutuu fidu irra ija amantii keenyaa keenyachuun barbaachisaadha. Waaqayyo hunduma keenya jireenya guutuu, birmaduu, nagaa fi gammachuu dhabbata nuuf akeeke, isa kana fuula keenya duratti ilaalle kallatti sanatti akka dhamaanuu fi abdiin kanaan akka deddebinu Waaqayyoo tokkon tokkon keenya afeera. Abbaan farsaa isuma kana hubachuu isaattin “Isin warri Waaqayyon eeggattan hundinuu jabaadhaa, laphee jabadhaas!” jedha. Dabalees sagaleen Waaqayoo akkas jedha “akka qofoon sibilaa markaba qabee dhaabu, nuyis abdii amanammaadhaa fi cimaa lubbuu qabateedhaabatu qabna…” Ib 6:19 Ati kana qabdda lata ? Ati ar’a obbleessa koo, obboleettii koo akkami? Hundeen abdii keetii hammam jabaatee jira lataa ? Jireenyi kee mala fakkaata? Ija kee rakkina kee, hirna kee fi fafa jiru irraa kaasi, abdii Waaqayyo si dura kaa’e ilaali, abdiin si dura jiru rakkina kee kana hundumaa garasi, inni Waaqayyo isa amanamaa dha.

Lb. Dr. Gemechu Olana, barrefame