SABQUUNAMTII WANGEELAA BIRMADUU


(Mat 22:1-10)
“15 Warra isaa wajjin maaddiitti taa’an keessaa tokko, kana yommuu dhaga’e Yesusiin, “Maaddii mootum¬maa Waaqayyootti kan dhi’aatu ay-yaantuu dha” jedhe*. 16Yesus garuu, “Namni tokko cidha guddaa isaa go-dhatee, namoota baay’ees waame. 17Yeroon nyaataa yommuu ga’e, ‘Am-ma kottaa hundinuu qophaa’eera’ je¬dhee warra waamaman haa yaadachii-suuf hojjetaa isaa itti erge. 18 Warri waamaman garuu hundumti isaanii, ‘Akka itti dhufnu hin qabnu’ jedhanii hojjetichatti dhimma garaa garaa hima-chuu jalqaban. Inni duraa, ‘Lafa biteen jira, dhaqee lafa kana ilaaluun anaaf ta’a, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!’ jedheen. 19Inni lammaf-faanis, ‘Qotiyyoo cimdii shan biteen jira, in qotuu fi hin qotanii isaanii ilaaluudhaaf kunoo, karaa irran jira, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!’ jedheen. 20Inni kaanis, ‘Dhi’oon niitii fuudhe, kanaafis qaqqabee hin dhufu’ jedheen. 21Hojjetichi galee kana gooftaa isaatti hime. Kana irratti ab-baan cidhichaa aaree hojjetaa isaatiin, ‘Ariifadhuu gara karaa gurguddaatii fi karaa qaxxaamuraa mandara keessaa dhaqiitii warra waan nyaatan hin qabneef warra bu’aan dhagna isaanii hir’ate, warra jaaman, warra naafatanis ol galchi!’ jedheen. 22 Yommus hojjetichi, ‘Yaa gooftaa, akka ati abboomtetti raawwatameera, garuu amma iyyuu id-doon jira!’ jedheen. 23Gooftichi immoo hojjetichaan, ‘Gara karaa gurguddaa biyya keessaatti, kelloota duubattis ba’iitii, manni koo hamma guututti ol haa galaniif nuffisiisi!’ jedhe. 24Ani isinittan hima’o, jarreen dura waama¬manii didan sana keessaa tokko illee maaddii koo irraa waa afaaniin hin qaban!”jedheen.

Wangeela keessatti akka arginu, Yesuus barssisa isaa keessatti yeroo hundaa fakkenyatti dhimmaa ba’a. Haala yeroo sanaa keessatti, caalatti akka hubatamuuf, akkuma abbootiin keenya makmaassaa fi fakkeenyaa dubbatanii, Yesuus yeroo garaa garaa fakkeenyaan dubbata. Wangeela Lukaas boqonnaa kudhaa afur keessatti fakeenya cidaan qabee waa’ee affeerraa mootumaa waaqayyoo fi deebii namootaa ittiin qabee barsiiseedha.

Akkuma abbaa cidaa ka nyaatamu fi dhugamu maaddii qopheessee firoota isaa fi ka beekuu mara cidaa isaatti afeeruu, Waaqayyoo hundumaa ofii isaa qopheesse namoota mootumaa isaatti waame. Akka fakkeenya kanaatti, abbaan cidaa wanta barbaachisu qopheessee yeroo inni firoota isaa, antee isaa fi olloota isaa waamutti hundi isaanii dhimmaa garaa garaa himachuun akka cidicha irratti argamuu hin dandeeny ibsatani. Hedduu nama gaddisisaa, keessaa iyyuu abbaa cidaa isa dadhabe. Kaan lafa bitee muddama keessa akka jiru, kaan immoo qotiyyoo linjisuuf, kaan immoo fuudhee misirrummaa akka hin fixnee himachuun akka cidaa kana irratti hin argammne ibsatani. Yeroo kana dhaga’e abbaan cidaa sun gaddee, hojjetoota isaa ergee ka hiyyeessolii karaa irra jiraatan, ka hawwaasi isaan gate maaddi kanatti waame. Faakeenya kana keessatti ka Yesuus barsiisuu barbaade, mootummaa Waaqayyootti kan waamaman hedduudha yoo ta’an iyyuu ka waamicha kana dhaga’anii dhufan yartuu akka ta’aniidha.

Waaqayyoo fayyina ilmaan namootaaf ka barbaachisu karaa ilma isaa Yesuus Kiristoos dhala namaa hundaaf raawwateera. Isa raawwate kanatti immo harka isaa diriirsee nu waame. Hedduun keenya garuu, akkuma jara sana, waamicha kanaaf deebii akka hin laaneef waa hedduutu qalbii fi yeroo keenya dhuunfatee, waa hedduutti mudamuu irraa kan ka’e Waaqa kanaaf, akkasumas offii keenyaaf yeroo hin qabnnu.
Yoo gadi fageenyatti ilaalle jarris ka dhi’eeffatan dhimmii garaa garaa kan yeroo isaanii fudhate hedduun isaa fiigichaa jireenyaa, isuma nuti hara’a keessa jiraannuudha. Waanti isaan himatan kunis jireenya namaaf ka hedduu barbaachisu, akka yaallootti ka ilaalamu miti. Muddamni kun garuu karaa tokko akka fakeenya kana irraa hubannutti ayyaana cidaa kana irraa isaan hanqisuun gammachuu cidaa kana irraa hirmaachuu isaan dhorke. Jireenya keenya keessa ar’a tarii wanta meeqatu jira laata ka eebba waaqayyoo nutti hirrisan, ka maatii keenyaaf akkasumas ofii keenyaafuu yeroo nu dhowwatan?

Akkasumas, tarii hedduun keenya ar’a yeroo waa’ee Waldaa Kiristiyaanaa yookaan tokkummaa amantootaa haasofnu ka nuti guututti irratti argamuuf nuun tolle akkuma jaraa kanaa ka himannu hedduu qabnna ta’aa. Mitiree?

Waldaan kirsitiyaanaa ka tokkummaa amantootaa irraa ijaaramtte, Dilbata Dilbata ka walgeessuf akkauma cidaa kanaa gochaa waaqayyo karaa Kirsitoos nuuf godhe ayyaaneffachuu, akkasumas sagalee Waaqayyoo ka jirnyaa, abdii fi nagaa walii wajjin hirmaachuu, ijaaramuu fi Waaqassuuf. Egaa kan eebba kana iirraa nu hambbisu dhimmi gaaraa garaa kun hammam gaarii ta’a laata? Hanga biyya lafaa kana keessa jiraanutti dhimmoti garaa garaa ka nu fiissan hedduudha, xumuras waanta hin qabu miti. Fedhi keenya, jirreenyi keenya hammuma geddaramaa fi guddachaa adeeme, fiigichi jireenyaa heddummataa, yeroo keenya saammataa adeema. Kanaaf jireenya keessatti yeroo tokko dhaabbannee of gaafachuun gaariidha. Jireenya maaliin jiraachaa jirra? Gammachhun koo akkami? Yeroo koo akkamittan dhimmaa itti ba’aa jira ? Eebba tokkummaa amantootaa, waamicha mmotummaa Waqayyoo irraa ka booddetti na harkisu maali ? Maaltu dursuu qaba ? Fakknyi ol jiru kun ara’a gaaffilee kana kan fakkaatan akka of gaafannu nu yaadachiisa.

Lb. Dr. Gemechu Olana, barrefame